Yaa’ii hoggantooa Gamtaa Afrikaa gabaasuuf hanga ammaatti Gaazexeessitoonni biyyoota alaa 340 Finfinnee galuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Yaa’ii hoggantooa Gamtaa Afrikaa gabaasuuf hanga ammaatti Gaazexeessitoonni biyyoota alaa 340 Finfinnee galuu ibsameera.

Weerara Covid-19 booda yeroo jalqabaaf hoggantoonni gamtichaa walga’uun kan mari’atan yoo ta’uu, yaa’icha gabaasuuf hanga ammaatti Gaazexeessitoonni biyyoota alaa 340 Finfinnee galuu isaanii Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa ibsameera.

Gaazexeessitoota yaa’icha gabaasaniif qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qophiin taasiifamaa turuu Itti aanaan daayreektara olaanaa abbaa taayitichaa obbo Yoonaataan Tasfaayeen ibsaniiru.

Hanga ammaatti Gaazexeessitoonni biyya keessaa fi alaa 700 galmaa’uun baajii fudhachuu isaanii eeraniiru.

dabalataan yeroo itti aanu Gaazexeessitoonni biyyoota alaa Finfinnee ni galuun eegama jedhan.

Gaazexeessitoonni kunneen gara Ityoophiyaa dhufuun isaanii haala qabatamaa biyyattii addunyaa hubachiisuuf carraa gaarii ta’uu obbo Yoonaataan dubbataniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment