Yaa’ii Gamtaa Afrikaa milkaa’aa taasisuu keessatti ga’een uummata magaalaa keenyaa olaanaadha- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) – Yaa’ii Gamtaa Afrikaa milkaa’aa taasisuu keessatti ga’een uummata magaalaa Finfinnee olaanaa ta’uu kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Aadde Adaanech yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa har’a eegaluu fi yaa’ii raawwachiistotaa mana marichaa 40ffaa kaleessa xumurame milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf ga’ee uummanni magaalichaa ba’ateef galateeffataniiru.

Hanga yaa’ichi xumuramuttii fi keessummoonni gara biyya isaaniitti deebi’anitti  Ummanni ga’ee ba’achaa jiru cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Milkaa’ina yaa’ichaaf ga’een uummata magaalichaa olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun hojii nageenyaarratti hirmaachuun tattaaffii taasisaa turtan cimsitanii akka itti fuftanii fi yaa’ichi milkaa’aa akka ta’uuf ga’e keessan akka ba’attan isin gaafadha jechuun yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment