Yaa’ii Gamtaa Afrikaa haala Guddina dippiloomaasii Itiyoophiyaa madaaluun keessummeessuuf qophiin taasifame-TKM

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC)- Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 37ffaa haalaa guddina dippiloomaasii fi giddugala dippilomaasii ta’uu Itiyoophiyaa argisiisuun keessummeessuuf qophiin taasifamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
 
Ministir Deetaan Tajaajilichaa Salaamaawit Kaasaan ibsa miidiyaaleef kannaniin yaa’icharratti biyyoonni 49 kan hirmaataaniidha.
 
Kanneen keessaan Pireezidaantoonni Biyyoota Afrikaa 30, Pireezidaantonni biyyootaa Afrikaan alaa ja’aa fi dhaabbileen Idil Addunyaa 13 kara bakka bu’ootaa isaaniin kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.
 
Waltajjiin yaa’ichaa waltajjii dippilomaasii olaanaa ta’uun biyyoonni addunyaa garagaraa kan hirmaatan ta’uu dubbataniiru.
 
Itiyoophiyaan yaa’icha keessummeessuun mana Afrikaanota hundaa jedhamuun kan beekamtu qabatamaan mirkaneessaa jiraachuu himaniiru.
 
Yaa’ii Gamtichaarrattis ajandaaleen biyyaalessaa kan calaqqisiifaman ta’uu himanii, yaa’ichaan cinaattis waltajjiiwwan marii dureewwan biyyootaa, bakka bu’oota dhaabbilee fi hayyoota garaagaraa hirmaachise lamaa kan gaggeeffaman ta’uu eeraniiru.
 
Waltajjiin marii damee dijitaalaarratti xiyyeeffateeen, karoora Dijitaal Itiyoophiyaa 2025 beeksisuu fi hojiilee hanga ammaatti raawwataaman ni dhiyaatuun kan eegamu ta’u dubbataniiru.
 
Dabalataan birmadummaa wabii nyaataa mirkaneessuurratti kan xiyyeeffatee waltaajjiin marii kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.
 
Haaluma kanaan Itiyoophiyaan akkuma fakkeenya bilisummaa taate birmadummaa wabii nyaataa mirkaneessuufis dursummaa ishee mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu waltajjiin irratti calaqqisifamu kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.
 
Waltajjiiwwan marii yaa’ii gamtichaan cinaatti gaggeeffamaanis Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti Guraandhala 9 fi 10, 2016 kan gaggeeffamu ta’uu Aadde Salaamaawit himaniiru.
 
Keessumaa waltajjin Yaa’ii Gamtaa Afrikaa Dhimmoota Barnootaarratti kan xiyyeeffatu ta’uu eeranii, kanaan walqabatees hojiilee qulqullina barnootaa mirkaneessuuf fooyyessaa damee barnootaarratti taasifteen Itiyoophiyaan muuxannoo ishee kan qooddu, muuxannoo biyyootaa kan qooddattuu fi galtee walitti qabattu ta’uu kaasaniiru.
 
Yaa’ii Gamtaa Afrikaa keessummeessuuf qophiileen garaagaraa taasifamuu kan kaasan Aadde Salaamaawiit, haala guddummaa dippiloomaasii fi giddugala dippiloomaasii ta’uu Itiyoophiyaa madaaluun qophiin taasifameera jedhan.
Milkaa’inaan nagaan akka xumuramuuf gama qaamolee nageenyaan qophiilee barbaachisaan taasifamuu ibsaniiru.
 
Hawaasni Magaalaa Finfinnees keessummootaaf simannaa akka taasisu, qaamolee nageenyaaf tumsa barbaachisaa taasisuun, wantoonni shakkisiisoon wayita mudatan ammoo eeruu akka kennuu gaafataniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment