Yaa’ii Bulchiinsa Interneetii 17ffaa Ityoophiyaan qopheessiturratti hirmaattoonni hanga kuma 2500 ni hirmaatu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2015 (FBC) – Yaa’ii Bulchiinsa Interneetii 17ffaa Ityoophiyaan qopheessiturratti guutuu addunyaarraa hirmaattoonni hanga kuma 2 fi 500 ta’an ni hirmaatu jedhame.

Miseensonni koree qophii Yaa’ii 17ffaa Bulchiinsa haala qophichaa ilaalchisee walga’ii taa’aniiru.

Yaa’ichi Ityoophiyaaf carraa gaarii ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Aadde Huuriyaa Alii walga’icharratti ibsaniiru.

Yaa’icha milkeessuuf miseensota korichaa tattaaffii cimaa taasiisaa jiran galateeffataniiru.

Yaa’icharratti guutuu addunyaarraa hirmaattonni kumni 2 fi 500 ni hirmaatuun kan eegamu ta’uu eeraniiru.
Yaa’ichaan carraalee fi gufuuwwan Interneetirratti kan mari’atamu yoo ta’uu, argannoon yaa’icharraa argame qaamolee imaammata baasaniif kan dhiyaatu ta’uu ibsaniiru.

Ga’umsa keenya agarsiisuu fi qormaatilee muudatan furuuf dandeettii qabnu addunyaatti mul’isuuf carraa gaarii ta’uu kaasaniiru.

Dame Siyaasaa fi hawaasummaan yaa’ii bu’aa olaanaan irraa argamu ta’uu dubbataniiru.

Yaa’iin Bulchiinsa Interneetii 16ffaan Poolaanditti gaggeeffamuu yaadachiisuun, Ityoophiyaan Ijiptii fi Keeniyaatti aantee Afrikaarraa biyya 3ffaa yaa’icha qopheessite ta’uu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment