Yaa’ii 5ffaan biyyoota guddachaa jiraanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa jira

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Yaa’iin 5ffaa biyyoota guddachaa jiranii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii mata duree “Dandeettii kuufamaa gara badhaadhinaatti” jedhuun Kuwaataar Dohaatti gaggeeffamaa jiru itti fufeera.

Yaa’iin kun waggoota 10 keessatti yeroo tokko kan gaggeeffamu fi biyyoonni guddachaa jiran 46 sagantaalee ce’umsa diinagdee irratti mari’ata jedhameera.

Biyyoonni rakkoolee damee hedduu keessaa ba’uun imala gara badhaadhinaatti taasisaniif gahee irraa eegamuu fi qoodama hojii biyyoonni raawwachuu qabanirratti hirmaattota yaa’ichaan mari’atamaa jira.

Kana malees, waggoota 10’n dura Turkitti kan ragga’ee ture raawwii Sagantaa Istaanbul gamaaggameera.

Weerarri vaayirasii koronaa sababoota ijoo raawwii sagantichaaf gufuu turan keessaa tokko akka ta’ee eerameera.

Waggoottan 10’n dhufanitti dhimmoota ce’umsa diinagdee gaggeeffamuu qabanirratti mari’atamaa jiraachuun ibsameera.

Hojiirra oolmaan sagantaa Dohaas Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin dabalatee bakka dureewan biyyoota biroo argamanittii ni raggaasifaman eegama.

Sagantaan bara farnjootaa 2022 hanga 2031’tti turu kun hiyyummaa hir’isuu, galmoota misooma waaraa milkeessuuf itti fayyadamtoota humna teeknooloojii akka ta’an haala mijeessuu, jijjiiramoota caaseffamaa gara badhadhinaatti geessan deeggaruu, hirmaannaa biyyoonni daldalaa idil addunyaa keessatti qaban dabaluu, dhiibbaa diinagdee vaayirasii koronaan umamee akka dandamatan taasisuu fi walta’iinsa idil addunyaa cimsuun xiyyeeffannaa sagantichaa ta’uun himameera.

Daawwit Alamuutu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment