Yaa’ichi muudamoota fi labsiiwwan dhiyaatan raggaasisuun xumurame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC) – Yaa’iin Idilee 4ffaa bara hojii 2ffaa marsaa 6ff aa Mana Maree naannoo Sidaamaa guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture labsiiwwanii fi muudamoota dhiyaatan raggaasiisuun xumurameera.

Haaluma kanaan:-
1.Obbo Mamiruu Mokee – Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa,

2.Obbo Kabbadaa Gaanoolee – Hogganaa Biiroo Bishaan, Albuudaa fi Inarjii,

3.Obbo Makuriyaa Maarshaayyee – Hoggganaa Biiroon Manneenii fi Konistiraakshinii,

4. Obbo Assaffaa Gurraachaa – Hogganaa Biiroo Paablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa,

5. Dooktar Daawwiiti Hayyeessoo Hogganaa Biiroo Pilaanii fi Misoomaa ta’uun muudamaniiru.

Yaa’iin guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture kun gabaasa raawwii hojii naannichaa baatiwwna torban darbanii, labsiiwwanii fi muudamoota dhiyaatan raggaasisuun xumurameera.

Dabalataan manni marichaa muudamoota abbootii seeraa dhiyaate raggaasiseera.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment