Yaa’icharratti  hoggantoonni biyyootaa fi dhaabbileen idil addunyaa argamuun haala yeroo Ityoophiyaa addunyaatti kan agarsiisudha- MDhA

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC)- Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hoggantoonni biyyoota hedduu fi dhaabbileen idil addunyaa argamuun haala yeroo Ityoophiyaa addunyaatti kan agarsiisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo ibsan.

Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan guyyaa har’aa eegala haala gaariin gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti hirmaachuuf hoggantoonni biyyota hedduu fi jilli isaanii akkasuma hoggantoonni dhaabbileen idil addunyaa garaagaraa Finfinnee galaniiru.

Keessummoota yaa’icharratti hirmaachuuf dhufan haala gaariin simatamaa fi keessumeeffamaa jiraachuu Ambaasaaddar Burtukaan ibsaniiru.

Yaa’icharratti hoggantoonni biyyoota hedduu fi dhaabbilee idil addunyaa garaagaraa argamuun haala nageenyaa yeroo Ityoophiyaa addunyaa guutuuf kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru.

Sirna simannaa ho’aa fi milkaa’aa taasisuuf dhaabbilee hedduun hirmaachuuf ibsuun hirmaannaa isaaniif galateeffataniiru.

Hoggantoonni biyyootaa, dhaabbilee idil addunyaa fi ogeeyyiin miidiyaa Finfinnee galuun maqaa gaarii Ityoophiyaa beeksisuuf carraa gaarii dubbataniiru.

Ministiroonni keessummootaaf simannaa taasisan dhimma Ityoophiyaarratti ibsa laataa fi turuu fi simannaa ho’aa taasifamaafii tureen keessummoonni gammadoo ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment