Yaa’icha cinaatti mariin waloo Obbolummaa cimsu gaggeeffame – Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC) – Yaa’ii Afrikaa 36ffaa cinaatti mariin waloo Obbolummaa biyyootaa cimsu gaggeeffamuu Waajjira Muummee Ministiraatti Gorsaan Imaammata Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaa ilaalchisuun Wajjiraa Muummee Ministirati Gorsaan Imaammata Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee, Ministir Deetaan Ministeera Dhimmaa Alaa Ambaasaddaar Misgaanuu Argaa fi Ittaanaan Komishinaara Komishinii Poolisii Fedeeraalaa Jeneraal Malaakuu Faantaa waloon ibsa kennaniiru.

Yaa’icha cinaatti Gamtaa Afrikaa cinaattii mariin waloo obbolummaa biyyootaa cimsuu gaggeeffamu Ambaasaaddar Taayyeen ibsuun, yaa’ichaa dursuun Pireezidaantiin Ginii Biisaawu Umaaroo Imbaaloo daawwanaa taasiisuu kasaaniiru.

Pireezidaanti Umaaroo Imbaaloon hojiilee misoomaa gurguddoo Ityoophiyaan hojjetaa jirtuu i fi ijaarsaa dhaabbiileef xiyyeeffannoo mootumman kennee daawwachuu isaanii eeraniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ityoophiyaan ‘Qajeeltoo Rakkoo Afrikaaf Furmaata Afrikaa’ jedhu qabatamaan hojiitti biyya hiikte ta’uu yaa’icharratti haasawa taasiisaniin kaasuu isaanii himaniiru.

Yaa’ichi Dippiloomaasii Ityoophiyaa cimsuuf waltajjii murteessaa kan ture ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mizgaanuu Argaan ibsaniiru.

Yaa’ichi rakkoo tokko malee karaa nagaan gaggeeffamee xumuramuu Itti Aanaan Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Malaakuu Faantaan ibsaniiru.

Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment