“Yaahoodee”n argisiistuu qaroomina aadaa fi seenaati-Obbo Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- “Yaahoodeen” argisiituu qaroominaa aadaa fi seenaa duraanii hawaasa Haadiyyaati jechuun Ministirri Ministeeraa Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan dubbatan.

Sirni Kabajaa jijjiirraa baraa Saba Haadiyyaa “Yaahoodee” irratti Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Afyaa’ii Godina Haadiyyaa Iteenash Mulugeetaa, qondaaltota godinichaa, jaarsolii biyyaa fi keessummoonni biroon bakka argamanitti sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.

Saganticharratti Obbo Qajeelaa Mardaasaan haasawaa taasisaniin, ayyaanni Yaahoodee wayitaa hawaasni naannichaa gaaffii naannoon gurmaa’uuf deebii argattetti kabajamuun adda akka taasisu ibsan.

Yaahoodeen duudhaalee diinagdee fi hawaasummaa kan qabu ta’uu eeruun guddina aadichaafis ni hojjenna jedhaniiru.

Barri itti aanus kan jaalalaa, gammachuu, nagaa fi badhaadhinaa akka ta’us hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Bulchaan Godina Haadiyyaa Abirahaam Macaan gama isaaniin, duudhaa Itiyoophiyumma kanaa UNESCO’tti galmeessuuf tattaaffii taasisuu itti fufuu dubbatanii, kanaafis qaamoleen dhimmichi ilaallatu gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Qaala’aab Girmaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment