“Yaadota biyya jijjiiruu danda’an dhaabbilee keessatti bu’uuressuun hojiilee biyya ceesisan hojjechaa jirra”-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Imala jijjiirramaa ilaalchisee Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aniif deebii laataniiru.
Ibsa kennaniin, qormaatileen akka biyyatti mudataa jiran wayita hojiilee riiformiin dhaabbilee biyya ijaaruu danda’an hundaa’aa jiranitti ta’uu yaadachiisaniiru.
Rakkooleen namtolchee fi uumamaas, karoora riifoormii milkeessurratti dhiibbaa uumuu isaanii ibsan.
Biyyi kan ijaaramtus kan diigamtus sammuu keessatti kan jedhan Muummeen Ministiraa, “yaadni nama ijaara; namni dhaabbata ijaara; dhaabbanni ammoo biyya ijaara” jedhaniiru.
Biyya ijaaruun idaa’ama dhaabbilee ijaaramaa jiraniin ta’uu kaasanii, yaadota biyya jijjiiruu danda’an dhaabbilee keessatti bu’uuressuun hojiileen bu’uuraa biyya ceesisan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Kanaanis bu’aalee ajaa’ibsiisoon seektaroota garaagaraan galmaa’uu eeran.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment