Yaadoota garaagaraa hawaasa gidduu jiru walitti fiduun fayyadamuu waloof xiyyeeffannoon ni hojjetama – Obbo Indaashaw Xaasaw

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) – Yaadoota garaagaraa hawaasa gidduu jiru walitti fiduun fayyadamuu waloof xiyyeeffannoon kan hojjetamuta’uu Pireezidaantii Naannoo Gidduleessa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaw Xaasaw ibsaniiru.

Hoggantoonni naannichaa haala waqtaawarratti Magaalaa Buttaajiraatti mari’achaa jiru.

Yaadoota garaagaraa hawaasa gidduu jiru walitti fiduun fayyadamuu waloof xiyyeeffannoon kan hojjetamuta’uu Obbo Indaashaw eeraniiru.

Manni Maree naannichaa labsiiwwan adda addaa ummataa deebisan raggasiisuun gaaffilee ummataa barootaaf turan deebisuun danda’amuu dubbataniiru.

Mootummaan naannichaa karoora guyyoota 100 qopheeffachuun gara hojiitti galuu kaasaniiru.

Akkaatuma karooraan biirooleen naannichaa karaa guutuu ta’een hojii eegaluu himaniiru.

Waajjiraaleen sadarkaa godinaa fi aanaalee hawaasaaf tajaajila guutuu ta’e akka laatan ni hojjetama jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment