Yaadni murtoo muudama kaadhimamaa itti aanaa olaanaa Komishinaraa KMNI fi Komishinaroota biroo dhiyaate ragga’e

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaada murtoo muudama kaadhimamaa itti aanaa olaanaa Komishinaraa Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa fi Komishinaroota biroo dhiyaate raggaasiise.
Manni maricha yaada murtoo dhiyaate erga ilaalee booda
1.Aadde Raakeeb Massalaa itti aantuu olaantuu Komishinara Komishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa,
2. Aadde Maskarama Gasxi Komishinara Komishinii dhimmoota Dubartootaa fi Daa’immanni,
3. Aadde Rigib Gabrahawaariyaat Komishinara Komishinii Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa,
4. Dooktar Abdii Jiibriil Komishinara Komishinii Dhimmoota Siiviilii fi Siyaasaa ta’uun dhiyaatan sagalee guutuun marteesseera.
Akkasumas Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii idilee har’a gaggeesseen wixinee labsii leenjii fi gochaa Mana Maree Federeeshinii lakkoofsa 521/1993 fooyyeessuuf ba’errati erga mari’atee Koree dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Diimookiraasiif qajeelchera.
Hayilayasuus Siyyuumtu Gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment