Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Sodaa balaa lolaa gannaa dandamachiisuuf koreen biyyaalessaa hundaa’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa ibseera.
Korichi raaga Inistiitiyuutii Raaga Qilleensaa Ityoophiyaa bu’uura godhachuun Kaartaa sodaa balaa lolaa qopheessuun gara hojjiitti seenuu hogganaan kominikeeshinii komishinichaa obbo Dabbabaa Zawdeen Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.
Korichi qaamolee dhimmi ilaallatu federaalaa fi naannoleerraa kan walitti babba’an ta’uu fi hojiilee sodaa lolaa hir’isuu fi dandamachiisuu kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Balaa lolaan miidhaa uumamuu danda’u hir’isuuf kutaaleen hawaasaa iddoowwan sodaan lolaa jiru jiraatan ergaawwan akeekkachiisaa isaan qaqqabuun ofeeggannoo taasisuun ga’eesaanii akka ba’atan gaafataniiru.
Qaamoleen dhimmi ilaallatus ga’ee isaanii haalaan akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.
Tigist Silashiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.