Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC)- Yaadannoon Injifannoo Adwaa konfiraansiiwwan sadarkaa Afrikaa fi Idil Addunyaa keessummeessuun Magaalaan Finfinnee giddugala koonfiraansii akka taatuuf gumaachaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Yaa’iin ‘Addunyaa Beelarraa Bilisaa’ Finfinnee Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti haala gaariin gaggeeffamee xumuramuu gama miidiyaa hawaasummaa isani ibsaniiru.
Yaadannoon Injifannoo Adwaas guyyaa eebbifamerraa kaaseee walga’iiwwanii fi konfiraansiiwwan dsadarkaa Afrikaa fi Idil Addunyaa guguddaa keessummeessuun magaalaattii giddugalaa koonfiraansii fi hawwataa taasisuun gumaachaa jira jedhan.
Finfinnee giddugala Tuurizimii, Konfaransii akkasumas hawwataa taasisuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa argamsiisaa jiraachuu dubbataniiru.
“Koonfiraansiiwwan guguddaa Afrikaa fi idil-addunyaa keessummeessuu eegaluu keenyatti gammadnee jirra” jedhan.
“Jabaannee wayita hojjennu deebisee harka hedduu akka nuuf kaffalu kun mul’istuu tokko” jedhanii, qaamolee koonfiraansiiwwan Finfinneetti akka gaggeeffamaniif karoorsan, hojjettanii fi keessummeessan hunda galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia