Yaadannoon Waggaa 1ffaa Dooktara Kabajaa Artiisti Alii Birraa gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Yaadannoon Waggaa 1ffaa Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraa Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffameera.

Sirnicharratti qondaaltoonni mootummaa, artiistoonnii fi dinqisiifattoonni Alii Birraa biyya keessaa fi alarraa argamaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Jawaar, Dooktarri Kabajaa Artiisti Alii Birraa, artiistii simboo muuziqaa Itiyoophiyaa kan tahe bara baraan yaadachuun dhaloota akkasaa horachuuf murteessaadha jedhan.

Haati warraa Artisti Alii Birraa Addee Ilillii Birraa, “Alii Birraa nu waliin jiraachuu baatuus, galfatni isaa itti fufa” jedhaniiru.

Sagantaa yaadannichaarrattis, sirni yaadannoo sammuu fi dungoo qabsiisuu raawwateera.

Guyyaa boruus, imalli amna miilaa yaadannoo isaaf kan taasifamu yoo tahu, waldorgoommiin Kubbaa miilaas akka gaggeeffamuu himameera.

Weellisaa, qindeessaa fi barreessaan yeedaloo muuziqaa waggoota 60 olii, urjiin addunyaa muuziqaa biyyatti kan ture Artiisti Alii Birraan Onkololeessa 26, bara 2015 du’aan addunyaa kanarraa boqochuun ni yaadatama.

Sirni yaadannoo gameessa “Mootii muuziiqaa” Dooktara kabajaa Artiist Alii Birraa, hanga Onkololeessa 30, bara 2016’tti sagantaalee garagaraan kabajama.

Zamadkuun Misgaanaawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment