Yaadannoon Adwaa hanqinaa fi dogoggora seena kan guutuu fi qajeelchudha-Aadde Adaanech

Finfinnee, Guraandhala 3, 2016 (FBC)- Yaadannoon injifannoo Adwaa hanqinaa fi dogoggora seenaa kan guutuu fi qajeelchu, cabiinsa kan wal’aanuudhas jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Sirna Eebbaa Yaadannoo Injifannoo Adwaarratti haasawaa taasisaniin, ashaaraan un ijaaramee eebbaf ga’uutti baga gammaddaan jedhaniiru.

Bilisummaan akka jiraannu kan taasisan goototaa Adwaaf kabajni akka maluu eeraniiru.

Waggoota 128 dura Itiyoophiyaanota weerara birmadummaa biyyatti dhufe ofirraa qolachuuf kan duulaan Birbirsaa Gooroorraa ta’uun bakka kanatti Yaadannoon Injifannoo Adwaa ijaaramee eebbaaf ga’uu ibsaniiru.

Yaadannoon kunis gita seenaa isaan ogummaa ijaarsaan, sadarkaa qulqullina addunyaa haalaa eeggateen, teeknooloojiin dabalamee ijaaramuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaanonni weerara biyyatti dhufee deebisuuf garaagarumma isaanii duubatti dhiisuun biyyummaaf dursa kennuun seenaan hojjetan utuu hinleellifamiin turuu fi dhugaan ture akka ifa hinbaane, seenaa fi seenessii walbuusaa turuu yaadachiisaniiru.

Kanaaf yaadannoo injifannoo Adwaa kanarratti seenaa Adwaa kan mul’isan walitti qabamuu, gootonni kan ittin faarfaman, kanneen injifannichaaf gumaacha taasisan akka bakka argatan taasisuun, hanqina seenaa kan guutu seenessii walbuusaa ture kan qajeelchuu fi cabiinsa kan wal’aanu ta’uu dubbataniiru.

Ijaarsa Yaadannoo Injifannoo Adwaa kanarratti ogummaan, humnaan, beekumsa qabaniin kanneen gumaacha taasisan hunda galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment