Yaadannoo waggaa 45ffaa wareegama Abubakar Muusaa gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Sirni yaadannoo wareegama waggaa 45ffaa Gameessa Qabsoo, Artistii fi Gaazexessaa Abubakar Muussaa Naannoo Hararitti gaggeeffameera.

Sirna yaadanoo kanarratti Artististoonni Oromoo bebbeekamoon, Hoggantoonni Olaanoo Naannoo Hararii fi Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa argamaniiru.

Abubakar Muusaa bu’ureessaa Bandii Afran Qalloo kayyoo isaan wareegamaniif hunda galmaan gahuuf seenaa isaa barreessuu fi maatii isaa deeggaruun akka barbaachisu eerameera.

Fuuldurattiis akkaata seenaa artistoota darbanii calaqqisiisuun galma Afran Qalloo ijaaruuf yaadamuu ibsameera.

Abubakar Musaa fa’aan utuu qabsaa’uu baatanii, aartii fi seenaan Oromoo akka as hingeenye Dr. Kabajaa Mahammad Ahmad Qophee dubbataniiru.

saganataa kanarratti deeggarsi maatii Artisti Abubakar Muusaaf walitti qabamuu fi lammiileen biroos deeggarsa taasisuu akka qaban gaafatameera.

Tuujii Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment