Yaada sirrii furmaata nagaa ta’u kaasuun irraatti mari’achuu fi qooda ofii fudhachuun barbaachisaadha – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Amajjii 26, 2016 (FBC) – Yaada sirrii furmaata nagaa ta’u kaasuun irraatti mari’achuu fi qooda ofii fudhachuun barbaachisaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan ibsan.

Magaalaa Dabra Birhaanitti mariin ummataa haala yeroorratti gaggeeffameera.

Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoo, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannolee maricharratti argamaniiru.

Yaada sirrii furmaata nagaa ta’u kaasuun irraatti mari’achuu fi qooda ofii fudhachuun barbaachisaa ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan himaniiru.

Rakkoo naannicha mudate waaraan furuuf marii bal’aan gaggeeffamuu fi gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment