Yaada ga’een ogeessoota Gamtaa Afrikaa ol haa ka’u jedhuun, Gibts irratti otuu walii hin galiin hafuu ishee Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)  – Maree sadeenii Hidha Haaromsaan yaada ga’een ogeessoota Gamtaa Afrikaa ol haa ka’u jedhuun, Gibts irratti otuu walii hin galiin hafuu ishee Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksise.

Maree sadeenii Hidha Haaromsaan yaada ga’een ogeessoota Gamtaa Afrikaa ol haa ka’u jedhuun, Ityoophiyaa fi Sudaan irratti yoo walii galan,  Gibts ammoo irratti otuu walii hin galiin hafuu ishee Ministeerri Dhimma Alaa FDRI beeksise.

Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts guyyoota 7 darbaniif haala guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa irratti marii akka taasisaan ibsaniiru.

Marichaan biyyoonni sadeen waliigaltichaan moodaaliitii qopheessuun tokkon tokkoon isaanii ogeessota lama lama filatanii akka dhiyeessaan beeksisaaniiru.

Waliigaltichaan yaada ga’een ogeessoota Gamtaa Afrikaa ol haa ka’u jedhuun Ityoophiyaa fi Sudaan irratti yoo walii galan,  Gibts ammoo irratti otuu walii hin galiin hafuu ishee ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

Comments (0)
Add Comment