Yaad-rimeen ida’amuu bu’uura tokkummaa sabdaneesummaati – Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) – Yaad-rimeen ida’amuu bu’uura tokkummaa sabdaneesuummaa ta’uu Waajjira Muummee Ministiraatti Ministirri Jiddugala ijaarsa sirna diimookrasii Qunnamtii uummataa fi idil addunyaa Obbo Addisuu Araggaan ibsaniiru.

Walatjjiin maree mata duree ”Ida’amuu tokkummaa sabdaneesummaaf” jedhun Tajaajila Oduu Ityoophiyaa qophaa’ee Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti kan argaman Obbo Addisuu Araggaann, Ityoophiyaatti sirna dimakiraatawwaa guddisuuf waltajjiiwwan marii yaadonni adda addaa irratti dhihaachuu danda’an babal’isuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Yaadamni ida’amuu Ityoophiyaan haala qabatamaa biyyoolessaa isheerratti hundaa’uun rakkoo ishee hiikuuf kan ishee dandeesisu kuusaa qabeenya yaada akka ta’e eeraniiru.

Yaadamni ida’amuu yaadama dhalootaan biyya keessaa bahee qofaa osoo hin taane, gufuulee madaa seenaafi rakkoo yaadama ilaalchaa hin jijjiramne uumamaan furuuf kan danda’udha jedhaniiru.

Aadaan siyaasaa wal sakaaluufi adda addummaa irratti ijaarame Ityoophiyaa gatii guddaa baasisaa jiraachuu eeraniiru.

Yaad-rimeen ida’amuu garuu tokkummaa sabadaneesuummaa Ityoophiyaa cimsuun bu’uura yaadama isaati jechuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment