Xuraawaa dhangala’aa indaastiriiwwan keessaa bahu sirna dijiitaalaan to’achuun eegalame

Xuraawaa dhangala’aa indaastiriiwwan keessaa bahu sirna dijiitaalaan to’achuun eegalame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2017(FMC) – Zooniin Dinagdee Addaa Adaamaa sirna dijiitaalaa  xuraa’aawwan dhangala’oo indaastiriiwwan keessaa ba’u bifa ammayyaan to’achuu dandeessisu eegalchiiseera.

Sirni dijiitaalaa kun kenna tajaajilaa si’eessuuf akka gargaaru Hoji-Raawwachiisaa Olaanaan Korpooreshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Dooktar Fissahaa Yittaagasuu ibsaniiru.

Muuxannoo Adaamaatti eegalame kana zoonota dinagdee addaa  biroo  keessatti hojiirra oolchuuf ni hojjetama jechuu isaanii ragaan Korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment