Xumura bara Faranjootaa 2020tti talaalliin dhibee Covid -19 qophii ta’uu danda’a – Dooktar Teedroos

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC) – Talaalliin dhibee Covid -19 xumura bara Farnjootaa 2020tt qophii ta’uu akka danda’u daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adihaanoom ibsan.
 
Talaallichi yeroo qophaa’e lammiilee hundaaf walqixa akka rabsamu tumsi hoggantoota biyyoota addunyaa fi ejjennoon siyaasaa barbaachisaa ta’uu daayreektarichi ibsaniiru.
 
Rabsi talaallichaa karaa haqa qabeessa ta’een akka raawwatu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hordoffii ni taasisa jedhame.
 
Talaalliwwan sadarkaa yaalirratti argaman 9 bu’aa qabeessa taanaan talaalliwaan biiliyoona 2 rabsuuf qophiin taasifamuu ibsameera.
Hanga ammaatti akka adunyaatti namoota miiliyoona 36 fi kuma 53 fi 143 vaayrasii koroonaan qabamanii keessaa lubbuun namoota miiliyoona 1 fi kuma 54 fi 716 darbeera.
 
Namoonni miiliyoonni 27 fi kumni dhibbi 1 fi kumni 56 fi 99 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.
 
Namoonni miiliyoonni 7 fi kumni dhibbi 7 fi kumni 74 fi 532 yaalarratti argamu.
Maddi:-Reuters
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment