Xiyyeeffannaa baajata bara 2015 humna guutuu fayyadamuun guddinaa itti fufsiisuudha jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Bara 2015’f baajatni qabame humna guutuu jiru fayyadamuun guddina eegalame itti fufsiisuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamuudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy AHimad.

Muummeen Ministiraa Abiy, xiyyeeffannaa baajata bara 2015 iallachisuun ibsa Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataaf kennaniin dhimmoota baajatni qabameef hojiirra oolu himaniiru.

Haaluma kanaan, kuufamni liqaa waan jiruuf liqaa hir’isuu, haqina baajataa dhaabuu, qabeenya jiru qusannoon fayyadamuu, qaala’iinsa gatii tasgabbeessuun xiyyeeffannaa mootummaati jedhan.

Kan mirkaneessuufis bulchiinsaa maallaqaa cimsuu, oomishtummaa guddisuu fi qonnaa keessatti bu’aa argamee itti fufsiisuu, pirojektota xumuruu , deebisanii dandamachiisuu fi deeggarsa namoomaa akksumas nageenyaa biyyaa mirkaneessuun xiyyeeffanaa baajataa qabameeti jedhaniiru.

Haaluma kanaan, bara 2015 humna guutuu fayyadamuun guddinaa itti fufsiisuudhaf akka hojjetamuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment