Xiyyaarri Waraanaa Ameerikaa dogoggoraan rukutamte

Finfinnee, Mudde 13, 2017 (FMC)- Shakalarra lan turte xiyyaarri waraanaa Ameerikaa Naannawaa galaanaa Diimaatti waraana Ameerikaan dogoggoraan rukutamuun kufuun gabaafame.

Balalistonni xiyyaaratti lama miidhaa hamaaf utuu hinsaaxilamiin baraaramuu fi balaliisaa tokkorra miidhaan salphaan ga’eera jechuun Ajajni Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa beeksiseera.

Taatee kun erga Ameerikaan haleellaa xiyyaaraa bakka kuufama misaa’elaa fi iddoo ajajaa Garee Huutii Iraaniin deeggaramanii magaalaa Sana’aatti raawwatteen booda kan mudate ta’uun eerameera.

Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa diroonii Huutii hedduu fi misaa’ela farra doonii kiruuz Galaana Diimaarratti rukutuu ibseera.

Ibsa Ajajni Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa baasee akka mul’isutti Garee waraanaa doonii Ameerikaa, xiyyaara naannawichaa balali’aa turetti dogoggoraan dhukaasuun rukutuu BBC’n gabaaseera.

Ajajichi akka beeksisetti, haleellaan Sana’aatti raawwatame kun ”haleellaa Huutiin dooniiwwan waraanaa Humna Galaanaa Ameerikaa fi dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaa Kibbaa, Baab Al-Mandeb fi Galoo Galaana Eden qaxxamuranirratti raawwatu jeequu fi laaffisurratti xiyyeeffachuu ibsuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment