Xiyyaarri rakkoon teeknikaa isa mudate daqiiqaa 30 booda deebi’ee qubate – Daandii qilleensichaa

Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) – Xiyyaarri Itiyoophiyaa Finfinneerraa gara Dubaayi imala eegalee ture rakkoo teeknikaa isa mudateen daqiiqaa 30 booda deebi’uun qubachuu Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Xiyyaarri lakkoofsa balallii ET 612 Mudde 5, 2017 Finfinneerraa imala eegalee daqiiqaa 30 booda Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti deebi’uun nagaan qubachuu himeera.

Nageenya imaltootaa mirkaneessuufis qajeelfama yeroo hatattamaan imaltoonnifi hojjettoonni balallii hatattamaan xiyyaaricha keessaa akka bu’an taasifamuu Daandiin Qilleensichaa ibsa baaseen beeksiseera.

Yeroo hunda nageenya imaltootaafi hojjettoota balalliif dursa kennina jedhe ibsa isaan.

Sababa kanaan dhamaatii imaltootarra gaheef Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa dhiifama gaafateera.

Rakkoon teeknikaa mudate qoratamaa jiraachuu ragaan Fuula miidiyaa Daandii Qilleensaa Itioophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment