Xiyyaarri meeshaalee waraanaa fe’ee naannoo daangaa Qilleensaa Ityoophiyaa seenee ture rukutame

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) –Xiyyaarri qabeenyummaan isaa Diinoota Ityoophiyaa ta’ee fi Ityoophiyaa dadhabsiisuuf garee ABUTtiif meeshaalee waraanaa fe’ee karaa Sudaaniin daangaa naannoo Qilleensa Ityoophiyaa cabsee seenee ture rukutamuun kufuu ibsameera.
Gareen ABUT filannoo nageenyaa cabsuun waraana banuu Raayyaan Ittisaa beeksiise.
Raayyaan Ittisaa Ityophiyaa birmadummaa biyyattii kabachiisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa qophummaa qabaachuu Qajeelcha Olaanaa Duula Gamtaa Raayyaa Ittisaatti Itti Gaafatamaan Bobbii Meejar Jneraal Tasfaayee Ayyaalew ibsaniiru.
Baatiwwan hedduuf qophii waraanaa olaanaa taasiisaa kan ture gareen ABUT torbeewwan lamaan darbanii eegalee humna isaa sassabbaachaa turee eeraniiru.
Garichi filannoo nageenyaa mootummaa dhiyeesse cinaatti gatuun koreen Teeknikaa diiggameera jechuun erga ibsa baasee, barii har’aa sa’aatii 11:00 irraa eegalee kallattiiwwan garaagaraan waraana banuu isaa himaniiru.
Gama biroon Xiyyaarri qabeenya diinota Ityoophiyaa ta’e biyyattii dadhabsiisuuf jaarraa hedduuf ABUT deeggaraa turan, garee shororkeessaa kanaaf meeshaa waraanaa fe’ee karaa Sudaaniin daangaa Qilleensaa Ityoophiyaa cabsee Kaaba Humaraan gara naannoo Tigraay seenuuf ture rukutamuun kufu himaniiru.
Maalummaan xiyyaarichaa kan hin beekkamne ta’uu eeraniiru.
Gareen ABUT abjuu biyya diiguu dhiisee karaa nagaan gara furmaataatti kan hin dhufne taanaan tarkaanfii dhumaa fudhachuuf qophiin taasiifamuu Meejar Jeneraal Tasfaayeen ibsnaiiru.
Yeroo ammaas raayyaan ittisaa tarkaanfii fudhachaa jiraachuu fi yeroo itti aanu tarkaanfii deebisanii haleeluu kan fudhatamu ta’uu eeruu isaanii TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment