Xiyyaarri Ispeenii ka’ee gara Uraaguwaay imalaa ture raafamni jabaan mudachuu hordofee namooata 30 irra miidhaa qaqqabsiise

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Xiyyaarri ‘Air Europa Boeing 787-9’ jedhamu Ispeenirraa ka’ee gara Uraaguwaayi balali’aa turerra raafamni jabaan mudachuu hordofee Biraaziil qubachuuf dirqamuu gabaafameera.

Raafama jabaa mudateen namoota 30 irra miiidhan qaamaa gahuu dhagahameera.

Xiyyaarichi magaala Maadiriid irraa ka’ee gara magaala guddoo uraaguwaayi kan taate Monteviidiyootti balali’aa osoo jiruu qilleensarratti raafamni cimaan mudate jedhame.

Imlatoonni miidhan irra gahe Biraazilitti yaalamaa jiraachuu himameera.

Dubbi himaan Air Europa akka jedhanitti, xiyyaarichi namoota 325 fe’ee osoo imalaa jiruu daangaa Biraazilirratti raafamni isa mudachuu himuu BBCn gabaaseera.

Taateen wal-fakkaatan torbanootan dura Daandii Xiyaarra Singaappoor mudatee ture.

Raafama cimaa xiyyaara singaappoor mudateen namni tokko yoo du’u, namoonni hedduun ammoo miidhamanii turuunsaanii ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment