Xiyyaarri imaltootaa Taanzaaniyaa Haroo Viktooriyaa keessatti kufe

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Imaltoota fe’ee kan balali’aa ture xiyyaarri imaltootaa Taanzaaniyaa haroo Viktooyiraa keessatti kufuun gabaafame.

Xiyyaara imaltootaa Daaresalaamirraa gara Bukoobaatti imalaa ture kana balaan obomboleettii fi roobaa cimaan mudachuun kufaatii isaaf sababa ta’uun eerameera.

haaluma kanaan imaltootaa 49 keessaa 20 ol baraaramuu miidiyaaleen biyyaattii gabaasaniiru.

Haa ta’u malee, odeeffannoowwan kunneen hinmirkanoofne jechuun BBC’n gabaaseera.

Hojjettoonni lubbuu baraarsaa namoota baraaruuf tattaaffachaa jiraachuun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment