Xiyyaarri Humna Qilleensaan Itiyoophiyaan hojjetamte “Tsahaay 2” balaliif geesse-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC)- Xiyyaarri Humna Qilleensichaa Itiyoophiyaan hojjetamte “Tsahaay 2” jedhamtu balaliif ga’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa haawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbiirratti taasifame dhaabbilee Itiyoophiyaa madaalaanii fi dhalootatti ce’an ijaaruuf bu’uura kan kaa’eedha.

Dhaabbilee kanneen keessaa Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa kan eeramuudha.

Humni qilleensichaa waggaa 89ffaa hundeeffama isaa kabajaa wayita jirutti Xiyyaarri humna qilleensichaan hojjetamte “Tsahaay 2” jedhamtu balaliif ga’uu himaniiru.

Xiyyaarittiin dirqama ga’umsan raawwachuuf kan dandeessisu teeknooloojii kan hidhatteedha jedhanii, kunis bara 2030’tti Afrikaatti Humna Qilleensichaa maqaa olaanaa qabu ta’uuf mul’ata qabate galmaan ga’uuf daandii sirriirra jiraachuu kan akeekuudha jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment