Xiyyaarri hidhamtoota waraanaa Yuukireen 65 qabate kufuun gabaafame

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Xiyyaarri Raashiyaa hidhamtoota waraanaa Yuukireen 65 qabate imalaa ture kufuun gabaafame.

Xiyyaarri qabeenyummaa isaa kan Raashiyaa ta’e kunis Naannawaa Kibbaa Yuukireenii fi Raashiyaan waldaangessanitti kan argamtu Bulchiinsa Beelgoorooditti kan kufe ta’uun ibsame.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa akka beeksisetti, xiyyaarichi hidhamtoota waraanaa Yuukireen 65 qabachuun waljijjiirraa hidhamtootaaf gara Bulchiinsa Beelgoorooditti imalaa turuun eerameera.

Xiyyaarichaa keessas hidhamtoota waraanaa 65’n alattis hojjettoota xiyyaarichaa ja’a dabalatee namoonni biroon sagal akka turan maddi Oduu Riyaa Novaastii beeksiseera.

Namoonni xiyyaaricha keessa turan hunduu lubbuun isaani darbuus Bulchaan Beelgorood Viyaacheeslaav Gilaadkoov dubbataniiru.

Yuukireen gama isheen, xiyyaarichi Raashiyaaf misaa’ela farra xiyyaaraa geejjibsiisaa ture jechuu BBC’n gabaseera.

Ka’umsa balichaa fi dhimmoota walqabatan biroorratti qorannoon gaggeeffamuu eegaluun ibsameera.

Comments (0)
Add Comment