Xiyyaarota humna elektirikaan hojjetan hojiirra oolchuuf waliigalteen mallattaa’e

Xiyyaarota humna elektirikaan hojjetan hojiirra oolchuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiypoophiyaa fi Aviyeeshiniin Archar dameewwan garaagaraarratti tumsaan hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Waliigaltichi xiyyaarota humna elektirikaan hojjetan tajaajilarra oolchuufi bu’uura balallii Archariin tajaajila balallii fe’umsaa yeroo galgalaa kennuuf ta’uun eerameera.

Dabalataanis waliigaltichi tajaajila geejjiba qilleensarraa ammayyaa kennisiisuu kan dandeessisu akkasumas eegumsa jijjiirama qilleensaa keessatti gahee olaanaa qabaachuu ragaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

 

 

Comments (0)
Add Comment