Xiyyaaroonni Booying 737 Maaksi har’aa eegalanii naannoo Qilleensaa Ityoophiyaa keessa balali’uu ni danda’u – Abbaa Taayitaa Ayiveeshinii Ityoophiyaa

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Xiyyaaroonni Booying 737 Maaksi har’aa eegalanii naannoo Qilleensaa Ityoophiyaa keessa balali’uu kan danda’an ta’uu Abbaan Taayitaa Ayiveeshinii Ityoophiyaa beeksise.
Balaa Bitootessa 1, 2011 qaqqabe hordofee Xiyyaarroonni Booying 737 Maaksi naannoo Qilleensaa Ityoophiyaa keessa balali’uu akka hin dandeenye Abbaa Taayitaa Ayiveeshinii Ityoophiyaan dhorkamanii turuun kan yaadatamuudha.
Yaa ta’uutii Xiyyaaroota kanneen kan oomishu Bulchiinisi Ayiveeshinii Federaalaa Ameerikaa dhimmoota balichaaf sababa ta’an hambisuu kan danda’an adda baasuun qajeelfamoota dirqisiisoo hojiirra oolchuu isaan Xiyyaaroonni kunneen gara balalliitti deebi’uu isaanii ibsameera.
Haaluma kanaan Abbaan Taayitaa Ayiveeshinii Ityoophiyaa fooyya’iinsa Dizzaayinii taasiifamee fi qajeelfamoota balalliwwanii fi aangoo haala sirriin sakatta’uu mirkanneessuun har’aa eegalee dhorkama kaa’ee ture kaasuu beeksiseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment