Xiyyaaronni waraana Addunyaa 2ffaarratti hirmaatanii turan walitti bu’anii kufuu gabaafame

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015(FBC)- Xiyyaaronni boombii darbatan  waraana Addunyaa 2ffaarratti hirmaatanii turan lama walitti bu’anii kufuu gabaafame.

Xiyyaaronni kunneen walitti kan bu’an Ameerikaa Daandii Qilleensaa Daalaas Eksikiyuutiiv jedhamu keessatti agarsiisa qilleensarraa taasisaa osoo jiranii ta’uu ibsameera.

Balichaan lubbuun namoota 6 darbuu eerameera.

Sababni ka’umsa balichaa xiyyaaronni lameen sarara balallii tokkorra balallii taasisuun ta’uu qorattoonni ibsuu “Za Naashinaal” gabaaseera.

Dhimmicharratti poolisiin qorannoo dabalataa gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment