Xinxalli bu’uura hinqabne rakkoo jiru sirnaan akka hinhubannee taasisa-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)-Xinxalli bu’uura hinqabne rakkoo jiru sirnaan akka hinhubannee kan taasisu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee Gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’aniif ibsaa fi deebii bal’aa kennaniiru.

Ibsa isaaniinis, tokkoon tokko rakkoole kan har’a mudatan utuu hintaane kan walqabatanii dhufan ta’uu himaniiru.

Dhimmota jiran bu’uurasaa yoo hinhubanne furmaataa fiduuf rakkisaa akka ta’u dubbatanii, rakkoolee jiran waloon yoo hubatame imallii gara furmaataatti akka ta’uu kaasaniiru.

Rakkooleen Itiyoophiyaa keessatti mul’atan irraa jireessi isaanii dhiibbaa miiraan xiinxalli kan itti heddummaatu ta’uu kaasuun rakkoon miirarraa maddu kan walii hingalchiisnee fi xiinxala shiraa kan baay’atuudha jedhaniiru.

Hidha Haaromsaa hojjennaa, karra galaanaa barbaanna yoo jedhamu rakkannaan barbaachise jechuurra, xiinxalli bu’uura hinqabne biyyarratti miidhaa biraa fiduu fi jedhaman rakkoo jiru sirnaan akka hinhubannee akka taasisu hubachiisaniiru.

Qajeelfamni Paartiin badhaadhinaa hirmaachisaa, hammataa fi sabdaneessummaa kan calaqqisiisuudha kan jedhan Dooktar ABiy, waliin jiraachuu waloon badhaadhuutti kan amanu ta’uu himaniiru.

Kanaaf dameewwan garaagaraan carraaqqiin hojjechuun biyyattii badhaatuu taasisuu qabana jedhaniiru.

Nageenyaa fi marii dursuun biyya gara badhaadhinaattii akka ceetu taasisuun murteessaa ta’uu kasanii, rakkoolee hedduun biyyatti keessa jiraatus, rakkoo ijoo fi tuqatni seenessiidha jedhan.

Seenessiin addaa fageessaa fi qoodaan kan biyyaa diiguu ta’uu fi seenessii olaanaa ummata tokkummeessu ijaaruun murteessa ta’uus himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment