Xaa’oon tooniin 262 hatattamaan qonnaan bultoota Tigraay bira ga’e

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014(FBC)- Xaa’oon tooniin 262 hatattamaan qonnaan bultoota Tigraay bira ga’uu Dhaabbanni Qonnaa fi Nyaataa Addunyaa beeksise.

Deeggarsichi dhaabbatichaafi qaamolee deeggartootaan kan taasifame yoo ta’u, oomisha midhaanii naannichaa fooyyessuuf akkasumas rakkoo wabii nyaataa furuuf kan taasifame ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Qonnaa fi Nyaata Addunyaa Chimiimbaa Deeviid Peeriin, deeggarsichi dandeettii oomishuu qonnaan bultoota naannichaa sadarkaa duraatti deebisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Deeggarsa kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamaniif taasisan cimsanii kan itti fufan ta’uu beeksisaniiru.

Ministeerri Qonnaa fi qaamoleen deeggartootaa deeggarsicha waliinga’uuf ga’ee ba’ataniif galateeffachuun, yeroo itti aanutti xaa’oo toonii 60 qonnaan bultoota naannichaaf dhiyeessuuf karoorfachuu kaasaniiru.

Dhaabbatichi naannoo Tigraay dabalatee naannolee walitti bu’iinsaan miidhaman Amaaraa fi Affaariif deeggarsi maallaqaa, meeshaalee fi teekinikaa akka taasifamuuf waamicha dhiyeessuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment