Finfinnee, Guraandhala 15, 2015 (FBC)- Bara oomishaa 2015/16’f xaa’oo alaarraa gale keessaa kuntaalli miiliyoonni 3 fi kumni 460 fi 526 yuuniyeenootaaf raabsamaa jiraachuu Korpooreshiniin Hojiilee Qonna Ityoophiyaa ibse.
Korpooreeshinichi bara oomishaa 2015/16 xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 12 fi kuma 800 fi kuma 75 fi 520 gara biyyaa keessaatti galchuuf hojjetama jiraachu ibseera.
Kanneen keessaa kuntaalli miiliyoonni 7 fi kumni 800 fi kumni 75 fi 520 xaa’oo ‘NPS’ fi ‘NPS Booroon’ ta’uu Itti Gaafatamaan Koomikeshinii Korpooreshinichaa Obbo Gashaawu Ayichiiluhiim dubbataniiru.
Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 5 immoo Yuuriyaa ta’uu eeraniiru.
Hanga ammaatti xaa’oon kuntaallii miiliyonni 3fi kumni 400 fi kumni 80 fi 860 bufataa doonii jibuutti qaqqabuu Obbo Gashaaw ibsaniiru.
Yohaannis Daariboowutu gabaase
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.