Finfinnee, Eebila 15, 2014 (FBC)- Xaa’oon biyyoo Yuuriyaan Meetriik Tooniin kumni 50 buufata Jibuutii gahee geejjibsiifamu eegaleera.
Hanga ammaattis akaakuun xaa’oo biyyoo NPSB fi NPS jedhaman gara biyyaa akka galan beekameera.
Guyyaa har’a ammoo gara biyyatti imalchiifamaa jiraachuu ragaan dhaabbata loojistikii geejjibaa galaanaarra argame ni mul’isa.
Dooniiwwan 10’n xaa’oon meetiriik toonii kumni dhibbi 5 fi kumni 40 buufata qaqqabuu ibsun, torbee itti aanuu dooniiwwan 3’n xaa’oon biyyoo meetriik tooniin kumni dhibbi 1 fi kumni 80 buufata ni qaqqabuun jedhameera.
Hanga ammaattis Xaa’oo buufata qaqqabaan keessaa meetrik toonii kumni dhibbi 4 fi kumni 55 ol ta’aan gara biyyaa galaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.