Xaa’oon Biyyoo Meetirik Tooniin kumni 300 fi kumni 13 Jibuutii qaqqabe

Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) – Xaa’oon Biyyoo Meetirik Tooniin kumni 300 fi kumni 13 ol oomisha bara 2017/18’f oolu Jibuutii qaqqabuu Tajaajilli Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa beeksise.

Xaa’oo Buufata Jibuutii gahe keessaa meetirik Tooniin kumni 200 fi kumni 6 fi 267.2 gara biyya keessaa geejjibsiifamuu himeera.

Yeroo ammaa Xaa’oon Meetirik Tooniin kumni 100 fi kumni 6 fi 992.8 Buufata Jibuutii jiraachuu ibseera.

Xaa’oon Meetirik Tooniin kumni 27 fi 930 Geejjiba Baaburaa fi Meetirik Tooniin Kumni 100 fi kumni 78 fi 314 Konkolaattoota Guguddoon 150 ol ta’anii gara biyya keessaa geejjibsiifamuu eereera.

Dooniwwan 2 tokkoon tokkoon isaanii Xaa’oo biyyoo Daappii jedhamu Meetirik Toonii kuma 60 fi kuma 56 fe’an torbee lama booda Buufata Jiibutii kan qaqqaban ta’uu ragaan Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment