Xaa’oon biyyoo kuntaalli kumni 2 ol qaamolee seeraan alaa harkatti to’atame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Xaa’oon biyyoo kuntaalli kumni 2 fi 300 ol qaamolee seeraan alaa harkatti to’atamuu ibsameera.

Qaamoleen seeraan alaa hanqinni Xaa’oo biyyoo akka mudatu taasiisu Itti Gaafatamaan Ejansii Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Masfin Raggaasaan Faanaa Biroodkaasting Korporeetiif himaniiru.

Xaa’oon kuntaalli kumni 2 fi 300 ol to’atamuu eeraniiru.

Sababa sosochii seeraan alaan qonnaa bultoonni xaa’oo kuntaala 1 hanga Birrii kuma 11tti bituuf dirqamuu eerameera.

Godina Shawaa Lixaatti hoggantoota mootummaa fi ogeeyyii dabalatee hojmaata seeraan alaa kana keessatti hirmaatanii argamuu ibsameera.

Tarkaanfiin qaamolee seeraan alaa kanneenirratti fudhatamuu cimee kan itti fufu ta’uu Itti Aanaan bulchaa godichaa Obbo Takkaalinyi Yimaamuu ibsaniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment