Xaa’oo buufata Doonii Jibuutii ga’e gara biyyaatti hojiin geejjibsiisuu qindoominaan gaggeeffama jira

Finfinnee, Adoolessa 9, 2015 (FBC)- Xaa’oo biyyee Buufata Doonii Jibuutii ga’ee gara biyya keessatti hojiin geejjibsiisuu saffisaan gaggeeffamaa jiraachuu Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Ityoophiyaa beeksise.

Hanga ammaattis xaa’oon toonii kuma 916 fi 35 yookan kuntaalli miiliyoona 9 fi kuma 160 fi 354 biyya keessa galfamuu ibsameera.

Xaa’oo Buufata Doonii Jibuutii ga’e keessaas %89.14 kan ta’u gara biyyaa galfamuun raabsamuun eerameera.

Yeroo ammaas xaa’oo meetirik toonii kuma 111 fi 496 yookaan kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 114 fi 966 buufaticha qaqqabuun gara biyya keessatti geejjibsiifamaa jiraachuunis ibsameera.

Xaa’oo biyyee yeroo gabaabaa keessatti qonnaan bultootaan ga’uuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Guyyootan 15’n dhufanitti dooniiwwan xaa’oo biyyee fe’an torba buufata dooniichaa akka qaqqaban taasisuun biyya keessa galchuuf hojiileen barbaachisaan xumuramuun himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment