Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Xaa’oo biyyoo Kuntaala miiliyoona 2 buufata Jibuutii ga’e keessaa miiliyoonni 1 ol gara biyya keessatti geejjibsiifamuu Ministeerri Qonnaa beeksiise.
Bara oomishaa 2016/17f Xaa’oo kuntaala miiliyoona 23.3 bituuf karoorfamus sababa hanqina dhiyyeessa Sharafaan Xaa’oo kuntaala miiliyoona 19.4 qofa bituuf dirqamuu ibseera.
Bittaa Xaa’oo Biyyoof Doolaarri miiliyoonni 930 ramadamuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaan ibsaniiru.
Fedhii jiruun walqabatee hanqinni akka hin mudanne tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Bara kanan Xaa’oon Yuuriyaa jedhamu Kuntaala miiliyoona 8.2 fi NPS jedhamu ammoo kuntaala miiliyoona 11.9 bituuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Hanga ammaattis NPS kuntaalli miiliyoonni 11.9 fi Yuuriyaan kuntaalli miiliyoonni 3.56 bitamuu ibsaniiru.
Yisimaaw Adaraawitu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.