Xaaliyaanitti lakkoofsi namoota koroonaa vaayrasiin du’anii 197 ga’eera

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2012 (FBC) – Xaaliyaanitti lakkoofsi namoota koroonaa vaayrasiin du’anii 197 ga’uun himameera.

Ka’umsa isaa Chaayinaa kan taasise koroonaa vaayrasiin tatamsa’inni isaa biyyoota addunyaaf yaddoo guddaa ta’eera.

Awrooppaa keessaa Xaaliyaanitti lakkoofsi namoota du’aaniis 197 sadarkaa olaanaan galmaa’eera.

Sababa vaayrasichaafis dorgommiiwwan ispoortii hundi akka hin adeemsifamnes himameera.

Dabalataanis mootummaan biyyichaa dhibee kana ittisuuf manneen barnoota hunda guyyoota 10 akka cufamaniif ajaja dabarseera.

Xaaliyaan keessatti erga weerarri vaayrasii koroonaa muul’ate booda lakkoofsi namoota du’anii sadarkaa olaanaan dabaluun lubbuu namoota 197 galafateera.

Anga’oonni biyyattiis, weerara vaayrasichaatin sa’aatii 24 keessatti namoonni 49 lubbuun darbuu himaniiru.

Namoonni vaayrasichaaf saaxilaman ammoo kuma 4 fi 600 ga’eera.

Erga vaayrasichi muul’atee baayyinaan lakkoofsi namoota du’anii Chaayinaatti aanee Xaaliyaanitti akka ta’e himameera.

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa himetti, haga ammatti biyyoota vaayrasichi itti muul’ate keessatti namoonni kumni 100 ta’an vaayrasichaaf saaxilamaniiru.

Vaayrasichis hammaachaa kan dhufe baatiiwwan 4 keessatti yoo ta’u, namoonni kumni 3 ol ta’an du’aniiru.

Baayyinni namoota du’anii garri caalu ammoo Chaayinaa keessatti ta’uun ni himama.

Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom, tatamsa’inni vaayrasichaa baayyee yaddessaa yoo ta’u, biyyoonnis weerara vaayrasichaa ittisuuf ciminaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru

Inistiitiyuutiin Fayyaa Biyyaalessaa Xaaliyaan akka ibsetti, namoonni du’an giddugalummaan umrii waggaa 81 yoo ta’an, hedduun isaanii rakkoo dhibee fayyaa biraa akka qaban himeera.

Kanneen du’an keessas %72 kan ta’an dhiiroota jedhameera.

Xaaliyaa addunyaarratti biyya namoota umriin mangudduummaa keessaa jiraatan hedduu qabdudha.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment