Finfinnee, Sadaasa 18, 2017 (FBC)- Xaaliyaaniin annisaa haareffamaa irratti Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii akka qabdu ibsiteetti.
Ministirri Ministeeraa Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan Minstiraa Itti Aanaa Dhimma Alaa fi Walta’iinsa Idil Addunyaa Xaaliyaanii Joorjiyoo Siliin waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin, Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan akka jedhanitti, qabeenya bishaanii misoomsuun, kunuunsuu fi fayyadamuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Waliingahiinsa Bishaan dhugaatii guddisuufis hojiilee hojjetamaa jiranirratti ibsa kennaniiru.
Humna qilleensaa fi ji’ootermaalii dabalatee damee anniisaa haareffamaan Itiyoophiyaan yeroo kamuu caalaa hojiilee fooyya’aa hojjechaa akka jirtu himaniiru.
Anniisaa Aduurratti hojiileen hojjetaman damee qonnaa ammayyeesuuf gumaacha olaanaa akka qabu dubbatanii, Anniisaa Magariisaa ijaaruu fi dameewwan biroorratti hojii invastimantiin bobba’uuf haalonni mijatoon akka jiran eeraniiru.
Hojiilee inarjii fi bishaan irratti hojjetamaniitti dabalataan daandii, bu’uuraalee misoomaa magaalotaa fi magaalota naannawa jireenyaaf mijatoo taasisuuf, damee qonnaanis qamadii gabaa alaaf dhiyeesuuf hojiileen hojjetaman argisiistuu ta’uu himan.
Joorjiyoo Siliin gama isaaniin, Itiyoophiyaa waliin hojiilee walta’iinsaan hojjetaman hedduun akka jiran ibsaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya anniisaa haareffamaaf oolan kan qabdu ta’uu fi damee inarjiirratti hojii invastimantiin bobba’uun, qabeenyicha gara faayidaatti jijjiiruuf haalli mijataan akka jiru akkasumas saffisaan guddachaa jiraachuu kaasaniiru.
Damichaan muuxannoon xaaliyaanii maal akka ta’e ibsanii, fuuldurattis biyyi isaanii damee anniisaa haareffamaarratti Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia