Xaaaliyaan lammiilee miliyoona 16 ta’an sababa weerara vaayrasii koroonaan sochii isaanii daangessite

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2012 (FBC) – Xaaaliyaan lammiilee miliyoona 16 ta’an sababa weerara vaayrasii koroonaan sochii isaanii daangessite.


Kutaa bulchiinsa Lombardii keessatti lammiileen argaman hayyama mootummaa malee gara iddoo biraatti akka hin sochoone jedhamani.


Miilaan magaala guddoo Lombardii dabalatee magaalota akka Veenaayis keessa kanneen jiraatan akka hin sochoone ajajamaniiru.


Muummee Ministiraa Xaaliyaan Jiwuseppe Kontee akka beeksisanitti, kutaa bulchiinsa Lombardiitti manneen barnootaa ni cufamu.

 

Giddugaloonni bashannanaa fi Ispoortii hundi hojii dhaabu.


Torban darbes Yuunvarsitiiwwanii fi manneen barnootaa hundi guyyaa 10 akka cufaman mootummaan Xaaliyaan labsee ture.
Awrooppaatti Xaaliyaan giddugala weerara vaayrasii koroonaa taatee jirti.

Lammiileen kuma 6 ta’an vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’eera.


Namni siyaasaa beekamaan Xaaliyaan Nikoolaas Zangareettii vaayirasii koronaan akka qabame beeksiseera.


Labsii mootummaanXaaliyaan dabarse kanaan jilawwan akka cidhaa ykn sirna awwaalchaa gaggeessuun dhorkaa ta’eera.

 

Maddi :- BBC

Comments (0)
Add Comment