Wuhaan keessaatti dhukkubsattoonni vaayrasii koroonaa hundi hospitaala ba’an

Finfinnee, Eebila 18, 2012 (FBC) – Bakka argama vaayrasichaa kan taatee Chaayinaa Wuhaan keessaatti dhukkubsattoonni vaayrasii koroonaa hundi hospitaala ba’uu isaanii qondaaltoonni Chaayinaa ibsan.
 
Dubbi Himaan Komishiinii Fayyaa Biyyaalessaa Mii Feeng, guyyaa har’a hospitaala keessatti dhukkubsataan koroonaa vaayrasii akka hin jirre beeksisan.
 
Dubbi himichi dhukkubsataan haalaan dhukkubsatee ture gaafa Jimaataa fayyuun hoospitaala ba’eera jechuun gaazixeessitootatti himaniiru.
 
Weeraricha ittisuuf ogeeyyoota fayyaa biyyaatti obsaan nuffi malee hojjeta turan galateeffataniiru.
 
Maddi:-CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment