Woorlid Viishiniin Ityoophiyaa fi Naannoon Oromiyaa waliigaltee deeggarsa misoomaa Birrii biiliyoona 1.7 mallatteessan

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Woorlid Vishiiniin Ityoophiyaa fi Naannoon Oromiyaa waliigaltee deeggarsa misoomaa Birrii biiliyoona 1.7 waliif mallatteessaniiru.
Deeggarsicha keessaa 60% kan tahu dame daa’immaniif kan ramadamu taha.
Maallaqichi barnoota babbal’isuuf, dhiyeessii bishaanii fooyyessuu fi misoomaa hawaasaaf akka oolu ibsameera.
Waliigalticha daayreekatara Woorlid Viishinii Ityoophiyaa Kaarmaan Tiilii fi Hoogganaa Biiroo Maallaqaa fi Tumsa diinagdee obbo Tolasaa Dagafuu mallatteessaniiru.
Waliigaltichi naannoo Oromiyaa keessatti kan argaman aanoota 21 irratti hojiirra oola.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment