Woork Shooppiin proojektii misoomaa dhaabbilee barnoota olaanoorratti gaggeeffamu banamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Woork Shooppiin proojektii misoomaa dhaabbilee barnoota olaanoorratti gaggeeffamu banamuu ibsameera.

Woork Shooppichi guyyoota lamaaf kan turu ta’uu ibsameera.

Woork Shooppicharratti Preezdaantonnii fi Ittaantonni Preezdaantii Yuunvarsiitiiwwanii fi  hoggantoonni karooraa misoomaa fi proojektiiwwanii yuunvarsiitiiwwanii argamaniiru.

Saganticha Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa eegalchiisaniiru.

kaayyoon ijoon qajeelfama bulchiinsa proojektiiwwan misooma barnoota olaanoo qabeenyaa fi invastimantiiwwan dabalataa saffisaan gara guddinaa fi misoomaatti jijjiiruu ta’uu ibsaniiru.

Galteewwan waltajjicharraa argaman qajeelfama invastimantii mootummaa cimsuuf kan gargaaran ta’uu eeraniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birhaanuu Naggaan gamasaaniin taateewwan waggoottan darban Ityoophiyaatti mudataniin itti fayyadamni maallaqa mootummaa of eegganoon qabamuu akka qabu kaasaniiru.

Jijjiiramoota fuulduratti addunyaarratti uumaman ilaalcha keessa galchuuf damee barnootaan qulqullina eegsisuunii fi  galteewwan haalaan fayyadamuuf bulchiinsi proojektiiwwan misoomaa kan gargaaran ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment