Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Koomishiniin Invastimantii Ityoophiyaa, Indaastirii Oomisha Sibiilotaa ‘WODA’ gara paarkii indaastiriitti guddisuuf sanadi waliigalteen mallatteeffame.
Bu’uura waliigaltechaan dhaabbatichi Magaalaa Sabbataatti kan argamu lafa hektaara 18.9 gara hektaara 100tti kan bal’isu ta’uu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.
Paarkichi indaastiriiwwan oomisha sibiilaan, injiinariingii, oomisha keebilii, aawutoomootiivii fi goommaa kan keessummeessu ta’uu ibsameera.
Akkaataa seera paarkiiwwan indaastirii kabajeen indaastiriiwwan paarkicha keessatti argaman oomishaa alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu fi oomishaalee biyyattiif galii argamsiisan irratti xiyyeeffachuun akka hojjetu sirna waligaltee mallatteesuurratti eerameera.
Lammiilee kuma 17 fi 500’f carraa hojii kan uumu yoo ta’u, paarkicha babal’isuuf Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 95 ramadamuun ibsameera.
Indaastiriin Oomisha Sibiilotaa ‘WODA’ kaappitaala Doolaara miiliyoona 65’n Magaalaa Sabbataatti bara faranjootaa 2016 hundaa’ee kan hojjechaa jiruudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.