Wixineen seeraa HR6600 akka hin raggaaneef hundi ga’eesaa ba’achuu akka qabu Yaa’ichi waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC)- Wixineen seeraa HR6600 akka hin raggaanee fi rakkooleen biyya keessaa maddasaaniirraa akka furamaniif hundi ga’eesaa ba’achuu akka qabu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa waamicha dhiyeesse.

Wixinichi akka hin raggaanee fi rakkooleen biyya keessaa akka furamaniif paartilee siyaasaa dabalatee qaamoleen hundi ga’eesaanii ba’achuu akka qaban yaa’ichi yaadachiiseera.

Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaatti waajjirri damee kaaba Ameerikaa yaa’ii waliigalaa jalqabaa bakka barreessaa olaanaan yaa’ichaa Liiqa Tiguuhaan Qasiis Taagaay Taaddalaa, Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Fitsum Araggaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee amantaa 7 argamanitti gaggeesseera.

Yaa’ichaan rakkoolee keessaa fi alaa yeroo ammaa mul’atanii fi furmaata isaanii ilaalchisee mariin gaggeeffamuu barreessaan olaanaan yaa’ichaa ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment