Wixineen seeraa HR 6600 jedhamu Ityoophiyaa ilaalchisee qophaa’e akka hin raggaane sochiin eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC) – Wixinee seeraa Ityoophiyaa ilaalchisee Miseensota Paartii Kongirensii Diimookiraatootaa fi Rippaablikaanootaan qopha’e akka hin raggaane sochiin eegalamuu Manni Maree Guddina Ityoo – Ameerikaanootaa beeksiise.
Wixineen seeraa ‘HR 6600’ jedhamu Ityoophiyaa ilaalchisee qophaa’e kanarratti tibbana mariin gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Wixineen kun yaadota namoota dhuunfaa waraanaa Ityoophiyaatti gaggeeffameef itti gaafatamummaa qabanirra qoqqoobbii kaa’uu, Ameerikaan deeggarsa daldalaa fi nageenyaa Ityoophiyaaf taasiiftu akka dhaabdu, deeggarsa dhaabbileen Idil addunyaa Ityoophiyaaf taasiisan hambisuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.
Manni Maree Guddina Ityoo – Ameerikaanootaa wixineen kun akka hin raggaane hambisuuf sochii eegaluu ibseera.
Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni Ityoophiyaa Ameerikaa jiraatan wixinee seeraa kana mormuun Kongirensii Ameerikaaf xaalayaa galchuu ammas itti fufuu ibsameera.
Korichi wixineen kun akka hin raggaane taasiisuun Ityoophiyaaf sagalee yaataanu jechuun waamicha dhiyeeseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment